Fana: At a Speed of Life!

Obbo Fiqaaduu Tasammaan hojiilee misoomaa Jimmaatti hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)- Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa hojiilee misoomaa garaagaraa Magaalaa Jimmaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawannichaarratti Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa hojiiwwan pirojektootaa, kilaastara misooma lukkuu, kilaastara kuduraa fi muduraa hojjetamaa jiranii fi bu’aalee hanga ammaatti argaman ilaalchisuun ibsa kennuu ragaan kominikeeshinii Magaala Jimmaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan, Galma Shanan Gibee Godina Jimmaaatti Birrii biiliyoona 1.6 oliin ijaaramaa jiru daawwataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.