Fana: At a Speed of Life!

Obbo Fiqaadu Tasammaan Ayyaana Arafaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan, hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundaan Ayyaana Iidal Adahaa waggaa 1444ffaan nagaan geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaanni Iidal Adahaa imala jireenya keenya yeroo hundaatiif barnoota guddaa kan dabarsu, dhalootaafis galaa guddaa kan kaa’udha jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Guyyaa Aarsaa jedhamuun kan beekamu Iid Al Adahaa (Arafaan ) Ayyaana kabajamaa fi jaallatamaa sirnoota garaa garaatiin dabaalamee guutuu addunyaatti kabajamu, guyyaa qophaa’ummaan aarsaa Nabi Ibraahim Rabbi biraa araaraa fi dhiifamaan faayamee gammachuun yaadatamee oolu guyyaa addaati.

Bu’uura Amantaa Islaamaa shanan keessaa tokko ta’uun miidhagina ayyaana Iid Al Adahaa kan ta’e sirni hajjii ammoo duudhaalee gurguddoo mul’iftuu waloomaa ta’an hedduudhaan kan dabaalamedha.

Sirni kun namni kamuu gosaa fi bifaan, saalaa fi umuriidhaan qabeenyaa fi beekumsaan osoo adda hin baafamiin uummanni Musliimaa kutaalee addunyaa garaa garaatti argaman iddoo tokkotti sagalee tokkoon Rabbiif galata kan itti galchan sirna agarsiiftuu tokkummaa fi obbolummaa ta’edha.

Adeemsi sirna hawwataa kanaatis jaalalaa fi tokkummaa kan agarsiisu, walqixxummaa fi obbolummaa dhugaa kan diriirsu agarsiisftuu namoomaa fi waloomaati.

Ayyaanni Iid Al Adahaa(Arafaa) aarsaa Nabi Ibraahim ajaja Rabbi kabajee fi Ilma isaa Ismaa’eliin dabarsee itti kennee fi araarri Rabbiitis itti mul’ateen kan bu’uureffame yemmuu ta’u, guyyaan kun hojiiwwan jaallatamoo ta’an itti raawwatamu, wal gargaaruufi wal cinaa dhaabbachuun kan itti mul’atu guyyaa eebbaa fi gammachuuti.

Kabajamtoota uummatta Musliimaa naannoo fi biyya keenyaa!
Jalqabaa hanga xumuraatti tokkummaa fi obbolummaadhaan miidhagee garaagarummaa, jibbaa fi hammeenya jaalalaan bakka buusee kan gaggeeffamu Ayyaanni Iid Al Adahaa imala jireenya keenya yeroo hundaatiif barnoota guddaa kan dabarsu, dhalootaafis galaa guddaa kan kaa’udha.

Hojiiwwan gaggaariin guyyaa kabaja Ayyaana Iida Al Adahaa raawwataman, wal gargaaruu, wal cinaa dhaabbachuu fi waliin qooddachuun gochaa qabatamaadhaan mul’atan waliin jireenya ilma namaa jabeessuu fi tokkummaaf obbolummaa dhugaa dagaagsuuf bu’uura waan ta’eef hojii eebbifamaa kana yeroo hundaa aadeffachuu fi itti fufsiisuun murteessaadha.

Hawaasni Musliimaa sadarkaa garaa garaatti argamtan akkaataa qajeeltoo fi akeeka amantaa Musliimaatiin hojiiwwan nagaa fi misooma biyyaa mirkaneessan, tokkummaa jaalala dhugoomsan irratti adda durummaadhaan hirmaachaa gahee adda durummaatiin imala misoomaa fi badhaadhina biyya keessaniitiif akka tumsitan dhaamuun barbaada.

Jaallatamtootaafi kabajamtoota hawaasa Musliimaa duudhaa amantaa Islaamaa keessaa tokko kan ta’e qabeenya uumamaa kunuunsuu, biqiltuu dhaabuufi namootaaf jaalala agarsiisuu, darbees tokkummaa fi obbolummaa cimsuun hojii kabajamaa jireenya har’aa fi boruutiif murteessaa ta’edha.

Keessumaattuu, Nabiyyuu Muhaammad (S.A.W) barnoota isaanii garaa garaatiin biqiltuu dhaabuudhaan qabeenya uumamaa kunuunsuun sadaqaa akka laachuutti kan madaalamu ta’uun gamatti, guyyaan xumuraa sun gaafa qaqqabullee sekondiiwwan xumuraa keessattis ta’u namni biqilaa of harkaa qabu dhaabee gahee isaa bahachuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Waan ta’eefuu, hawaasni keenya hunduu hojii ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa eegalamee jiru irraatti adda durummaan hirmaachuun dhalootaaf galaa kaa’uu akkasumas obbolummaa sabdaneessa jabeessuu, nageenya itti fufiinsa qabus mirkaneessuun ijaarsa biyyaa bu’uura cimaa irra dhaabuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti gahee keessan akka baatan dhaamaa, irra deebiin baga Ayyaana Iid Al Adahaa waggaa 1444ffaan isin gahe, nu gahe jechuun barbaada!

Eid Mubarak!

Fiqaaduu Tasammaa

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa
Waxabajjii, 2015
Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.