Fana: At a Speed of Life!

Obbo Eeliyaas Kadiir Aanaalee Gumbii Bordoddee fi Cirootti hojii misooma sululaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) –Hogganaa itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas kadiir Godina Harargee Lixaa Aanaalee Gumbii Bordoddee fi Cirootti hojiiwwan Eegumsa Biyyee fi Bishaanii tajaajila lammummaan hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Obbo Eeliyaas qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota gammoojjii Aanaa Bordoddee fi Ciroo qabeenya uumamaa manca’e bakkatti deebisuun hojii boonsaa hojjechaa jiran galateeffataniiru.

Hojicha cimsanii akka itti fufanii fi hojiiwwan biqiltuuwwan sululoota misoomanirratti dhaabatanii fi deeggarsi ogummaa barbaachisu itti fufiinsan kan kennamu ta’uus obbo Eeliyaas himuu ragaan BQO irra argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.