Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dastaa Leeddaamoon Ityoophiyaatti Ambaasaddara Isiraa’el walin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddaamoon Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Isiraa’eel Allelinyi Admaasuu waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota deeggarsaa fi kanneen biroo mootummaan Isiraa’el naannoo Sidaamaaf taasiisu ilaalchisee mari’ataniiru.

Naannichatti sodaan nageenyaa kan hin jiraanne ta’uu isaan, abbootiin qabeenyaa Isiraa’el naannichatti hojii Invastimantiirratti akka bobba’an Obbo Dastaan gaafataniiru.

Naannichi filannoo Invastimeentii hedduu qabaachuu fi bu’uuraaleen misoomaa mijataan jiraachuu adda kan isa taasiisu ta’uu Obbo Dastaan Ambaasaaddarichaaf himaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Isiraa’el Allelinyi Adamaasuun gama isaaniin, Carraa Invastimantii naannichi qopheesse dinqisiifataniiru.

Abbootii qabeenyaa Isiraa’eliif hubannoo kan uumaan ta’uu fi muuxannoo Isiraa’el naannoo Sidaamaaf qooduuf qindoominaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.