Obbo Dastaa Leeddaamoon ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddaamoon ayyaana bara haaraa Ummata Sidaamaa Fichee Caambaalaalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Baga ayyaana Fichee Caambaalaalaa nagaan geessan jedhan.
Aadaa fi duudhaalee garaagaraa Ummanni Sidaamaa qabu keessaa Fichee Caambaalaalaan isa hangafa ta’uu eeraniiru.
Fichee Caambaalaalaan mallattoo beekumsaa fi ogummaa Ummataa Sidaamaa, mallattoo biyyaa fi hambaa addaa addunyaa ta’uu eeraniiru.
Fichee Caambaalaalaan ayyaana bara moofaa dabarsuun bara haaraatti nagaan ce’uu sababeeffachuun kabajamuudha jedhan.
Ayyaanni Fichee Caambaalaalaa ayyaana ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane ayyaana tokkummaa, jaalalaa fi nageenyaa ummata Itiyoophiyaa maraa ta’uu ergaa isaaniin ibsaniiru.
Ayyaanni kun ummata biyyaattii hundaaf ayyaana jaalalaa, nageenyaa fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru.
#Oromia #Ethiopia