Obbo Dastaa Leeddaamoon bu’uuraalee misooma daandii naannichaa daawwatan
Finfinnee, Amajjii 26 ,2015 (FBC)- Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon bu’uuraalee misooma daandii naannichatti hojjetamaa jiran daawwatan.
Bu’uuraaleen misoomaa daandii naannichatti hojjetamaa jiran rakkoo hawaasa naannichaa furaa jiraachuu Obbo Dastaan dubbataniiru.
Daandiiwwaniifi riqichoonni eegalamanii osoo hin xumuramiin hafan ariitiin xumuramuun hawaasaaf tajaajila kennuu akka eegalan qajeelfama kennuu ibsameera.
Daawwannicharratti Pireezidantii naannichaa obbo Dastaa Leddaamoofi Af-Yaa’ii Mana Maree naannichaa aadde Faantaayee Kabadaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.