Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dastaa Leeddaamoon balaa sigiga lafaa mudateen lubbuu namaa darbeef gaddi itti dhagahamuu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon naannichatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuu namaa darbeef gaddi itti dhagahamuu ibsaniiru.

Balaa sigiga lafaa Godina Giddugaleessa Sidaamaa Aanaa Wanshootti mudateen lubbuu namoota 6 galaafachuun, namoota 6 irra ammoo miidhaa qaamaa qaqqabsiiseera.

Balaa qaqqabe hordofee ergaa gaddaa kan dabarsan Obbo Dastaa Leeddaamoon, maatii lammiilee miidhamaniif jajjabina hawwuun, jiraattoota kanneen dandamachiisuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Taateen kun naannawaa biroottis muudachuu waan maluuf hawaasni of eegannoo barbaachisu akka taasiisu yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.