Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Sagantaa Misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti itti gaafatamaa naannoo Afrikaa Ahuunaa Iziikoonoowaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa bbo Dammaqaa Makonniin Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti gaafatamaa naannoo Afrikaa Ahuunaa Iziikoonoowaa waliin mari’ataniiru.

Qaamoleen lameen haala deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay, filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa fi hariiroo Ityoophiyaa fi dhaabbaticha gidduu jirurratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan tattaaffii Ityoophiyaan galma misooma itti fufaa Ityoophiyaa 2030 milkeessuuf taasiisiiftu Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa taasiisaa jiru dinqisiifataniiru.

Akkasumas sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtuu fi weerarri Covid -19 tattaaffii galmoota misoomaa milkeessuuf taasiifamurraat dhiibbaa qaqqabsiisu ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Mootummaan naannoo Tigraayitti buufataalee raabsa deeggersaa 92 hundeessuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee deeggartootaa biroo waliin qindoomiinaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.