Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Hind waliin mari’atan
Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Ministira Dhimma Alaa Hindii Dooktar Suubraamaaniyaa Jeeyishaankaar waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan deeggarsa cimaa Hindi waltajjii idil addunyaarraatti Ityoophiyaaf taasiisaa jirtu galateeffataniiru.
Giddugaltummaa Manni Maree Nageenyaa dhimma Ityoophiyaarratti taasiisuuf yaalu Hind mormuun dura dhaabbachuun ishee kan galateeffamu ta’uu himaniiru.
Ejjennoo haqa qabeessa Hindi Hidha Haaromsaarratti qabatte obbo Dammaqaan galateeffataniiru.
Obbo Dammaqaan haala waqtaawza Kaaba Ityoophiyaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Hindii Dooktar Suubraamaaniyaa Jeeyishaankaar gama isaaniin Hindi giddugaltummaa biyyoonni alaa dhimma Ityoophiyaarratti taasiisan kan mormitu ta’uu himuun, Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee ofiin akka furattu Hindi deeggarsa ni taasiifti jedhan.
Hidha Haaromsaa ilaalchisee Hindi itti fayyadamummaan haqa qabeessa ta’e akka jiraatu kan barbaaddu ta’uu himuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.