Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Azaarbaajaan waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimaa Alaa Obbo Dammaaqaa Makoonniin Ministira Dhimmaa Alaa Azaarbaajan Jeeyihuun Baayiraamoov waliin dhimmoota waloo fi Idil Addunyaa irratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaaqan yaa’ii sochii biyyoota walaabaa irratti hirmaachuuf Azaarbaajaan magaalaa Baakuu galaniiru.
Obbo Dammaaqan biyyoonni lameen hariiroo seenaa qabessaa fi dippiloomaasii hunda galessa qaban cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.