Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Abuu Daabiitti Ministiraa Alaa Turkii Meeviiluut Kaashuusooguuluu waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota Hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisee mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifamerratti ibsa laatanniru.

Mootummaam nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaa fi Turki haariiroo cimaa qabaachuu isaanii kaasuun, ammas hojiileen hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ministirri Alaa Turkii Meeviiluut Kaashuusooguuluu gama isaaniin waldhabdee ture mariin hiikuuf waliigalteen nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifametti mootummaan Turkii gammaduu eeraniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf biyyi isaanii tumsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.