Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Moorookoo waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Moorookoo Naasir Booriitaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Walga’ii 43ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota waloorratti mari’achaa jiru.

Ministira Alaa Moorokoo Naasir Booriitaa waliinis dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii haala caalmaatti cimsuuf waliigaluu ragaan Keeniyaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.