Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Moorookoo waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Moorookoo Naasir Boortaa waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo idil addunyaa fi naannawaa biyyoota lamaanii cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa naannoo Tigraay, qophii filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa, dhimma hidha haaromsaa fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan ilaalchisee ibsa laataniiru.
Waldhabdeen daangaa Ityoo – Sudaanii fi dhimmi Hidha haaromsaa karaa nagaan furmaata akka argatu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Hariiroon diinagdee biyyoota lamaan cimsuun akka barbaachisu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.