Obbo Dammaqaan Maarseel Akpoovoon waliin mari’atan
Finfinnee, Eebila 20, 2013 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti waamamaa Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaa Baha Afrikaa Maarseel Akpoovoon waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan hojiilee eeggumsa mirga namoomaa Ityoophiyaatti taasiifamaa jiruuf deeggarsa dhaabbatichi taasiisaa juru dinqisiifataniiru.
Hariiroon gaariin Ityoophiyaa fi dhaabbatichaa gidduu jiru cimee akka itti fufu abdii qabaachuu eeraniiru.
Qaamoleen lamaan dhimmoota haala waqtaawaa naannoo Tigraay, qorannoo sarbama mirga namoomaa taasiifamu, deeggarsa namoomaa, dhimma Hidha Haaromsaa fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanirratti waliin mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argameni muiul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.