Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan lammiileen Ityoophiyaa wixineewwan seeraa HR6600 fi S 3199 irratti duula  akka gaggeessan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera  Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ityoophiyaanonni Ameerikaa jiraatan wixineewwan seeraa HR6600 fi S 3199 akka hin raggaaneef duula bal’aa akka gaggeessaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Obbo Dammaqaan hoggantoota gurmaa’insa hawaasa Ityoophiyaa Ameerikaa, Taaski Foorsii, hoggantootaa fi bakka bu’oota  waldaalee Siiviikii waliin gama viidiyoo konfiransii mari’ataniiru.

Wixineewwan seeraa koongiransii fi seeneetii Ameerikaan bahan HR6600 FI S 3199 birmadummaa Ityoophiyaanonni dhiigasaaniin kabachiisan harka micciiruun fudhachuuf shira xaxaman ta’uu ibsaniiru.

Wixineewwan seeraa kunneen raggaanaan hariiroo Ityoophiyaan gama nageenyaa, diinagdee fi siyaasaa biyyoota biro waliin qabdu eeyyama humnoota biroorratti akka hirkatuu fi ofi eeguu akka hin dandeenye kan ishee taasisu ta’uu kaasaniiru.

Wixineewwan seeraa kunneen akka hin raggaasifamneef yeroo kamiyyuu caalaatti haala qindaa’aa ta’ee fi tokkummaan duula gaggeessuu akka qaban gaafataniiru.

Tarkaanfiiwwan mootummaan fudhachaa jiru biyya kan dursanii fi nageenyaa waaraa fi tokkummaa ilaalcha keessa kan galchan ta’uu ibsuun birmadummaa Ityoophiyaarratti yoomillee taanaan eenyu waliinuu jaarsummaa kan hin teenye ta’uu dubbataniiru.

Ameerikaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsum Araggaan gamasaaniin diyaaspooraan filatamtoota mootummaa Ameerikaa gama bilbilaa, imeelii, mallattoo walitti qabuunii fi qaamaan arguun miidhaa wixineewwan seeraa kanneen akka ibsaniif gaafataniiru.

Hirmaattonni marichaa wixineewwan seeraa kunneen tokkummaa fi egeree biyyaa balaarra kan buusan waan ta’aniif fashaleessuuf yeroo kamiyyuu caalaatti qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.