Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan jiraattoota magaalaa Chaagnii fi naannawaa ishee waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) –Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin jiraattoota magaalaa Chaagnii fi aanaa Goongaa waliin mari’ataniiru.
Maricharratti itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Binnaalfi Andu’aalem, Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaaley, Ministir Deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Firee’alem Shibaabbaw dabalatee hoggantoonni mootummaa fi bakka buutoonni ummataa argamaniiru.
Waltaajjiichis dhimmoota misoomaa,bulchiinsa gaarii fi filannoo marsaa 6ffaa irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffame ta’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.