Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbata Godaantootaa idil Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbata Godaantootaa idil Addunyaa Maawuriin Acheengee waliin mari’ataniiru.
Godaansa Seeraan Alaa ittisuuf tarkaanfii Ityoophiyaan fudhachaa jirtuu fi fedhii lammiilee guutuuf hojii hojjetaman irratti mari’ataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa wantoota Godaansaaf sababa ta’an furuuf tarkaanfii Ityoophiyaan fudhachaa jirtuu ilaalchisee obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan federaalaa naannolee waliin ta’uun Godaansa seeraan alaarraatti hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan dhaabbata Godaantootaa idil Addunyaa Maawuriin Acheengeen gama isaaniin dhaabbatichi fedhii Godaantoota Ityoophiya guutuu fi rakkoolee weerara vaayrasii koroonaan walqabatanii uumaman furuuf mootummaa Ityoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.