Obbo Dammaqaan Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Rippaabilika Diimookiraatawaa Koongoo waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Rippaablika Diimookiraatawaa Koongoo Kiristoofee Lutuunduulaa waliin mari’ataniiiru.
Haala marii sadee Hidha Haaromsaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan itti fufsiisuun danda’amurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Adeemsa marii sadeerratti shoora Rippaablikni Diimookiraatawaa Koongoon ba’aa turte obbo Dammaqaan galateeffataniiru.
Mariin hidha haaromsaa akka itti fufu Ityoophiyaan murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.