Obbo Dammaqaan itti aanaa Ministira Alaa Raashiyaa Mikaa’eel Boogdaanoov waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin itti aanaa Ministira Alaa Raashiyaa Mikaa’eel Boogdaanoov waliin mari’ataniiru.
Yaa’ii Afrikaa 35ffaa gaggeeffamu jiru cinaatti, dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii caalmatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Proojektoota damee Inarjii, Bu’uuraalee misoomaa, Qonna, Saayinsii fi teeknooloojiirratti tumsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Dhimmoota idil addunyaa faayidaa waloo ilaallatanirratti mari’achuu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Raashiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.