Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa biyyaarratti gita isaanii Noorweeyii fi Ostiriyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin haala waqtaawaa biyyarratti Ministira Dhimma Alaa Noorweey Maari Erkisaan fi Ministirri Dhimma Alaa Ostiriyaa Aleeksaandaar Shaalenbarg waliin bilbilaan mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan marii bilbilaan Ministerootaa lamaan waliin taasisaniin naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fi mootumma deeggarsa namooma lammiileef taasisa jiru irratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan duulli naannoo Tigraayitti taasifama jiru xumuramaa jiraachuu ibsaaniiru.
Mootumman hojiin deebisaanii dhaabuu eegaluu ibsuun, lammiileef deeggarsa taasisufis dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Ministeeronni Noorweeyii fi Ostiriyaa ABUT waliin marii akka taasifamuuf gaaffi dhiyeessaniif deebii kan laataan obbo Dammaqaan mootummaan Ityoophiyaa yeroo mara rakkoo keessoo mariin hiikuuf fedhii qabatus ABUT fedhii dhaabu kaasaniiru.
Lammiilee gara Sudaanitti baqataniif gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasuun mootumman kaampii 4 qopheessuu obbo Dammaqaan ibsuu raga Ministeera Dhimma Alaarra arganne ni muul’dhisa.