Obbo Dammaqaan Gita isaanii Isloovaaniyaa Taaniyaa Faayan waliin mari’atan
Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Gita isaanii Isloovaaniyaa Taaniyaa Faayan waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Marii isaaniin, Isloovaaniyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin dameewwaan garaagaraan qabdu irratti tumsaan hojjechuuf fedhii kan qabduu ta’uu marichaan ka’eera.
Damee Diinaagdee ,Qonnaa, Faarmasiyuutikaalaa, Bishaanii fi Turizimiin waloon hojjechuufi waliigalaniiru.
Isloovaaniyaan,hojii horsiisa kannisaan kan beekamtu ta’uu eeruun, Ityoophiyaanis damichaa biyyatti waliin hojjechuuf waliigalamuu ibsameera.
Obbo Dammaqaan Ityoophiyaa fi Isloovaaniyaan michummaa seena qabeessa qabachuu ibsuun, hojii nageenyaa Ityoophiyaatti hojjetama jiru ilaalchisee ibsa taasiisuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.