Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Giddugala Maanguddootaa Meqedooniyaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin durfamu Giddugala Maanguddootaa Meqedooniyaa daawwateera.

Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immaanii fi Hawaasummaa magaalaa Finfinnee guyyaa Maanguddootaa mata duree ‘Mirga Maanguddootaa kabajuun dhaloota ceesisuu’ jedhuun giddugala Maanguddootaa Meqedooniyaatti sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 32ffaa fi sadarkaa idil addunyaatti yeroo 33ffaaf kabajaa jira.

Saganticharratti dhimmoota tajaajila bu’uuraa Maanguddootaaf dhiyaachuu qabanirratti xiyyeeffachuun mariin Paanaaliin ni gaggeeffamaan eegama.

Maddi:- TOI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.