Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Gamtaa Awurooppaatti Daayrektara Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC)- Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Gamtaa Awurooppaatti Daayrektara Afriikaa Riitaa Laaranjinhaa waliin haala yeroo Ityoophiyaaarratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan marii isaaniin, Ityoophiyaan dhimmoota hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu cimsuurratti murannoo kan qabdu ta’uu irraa deebin mirkaneessaniiru.

Haala yeroo walitti bu’iinsa kutaa Kaaba Biyyattii fi adeemsa nageenyaaf tattaffii mootummaan taasisaa jirurrattis ibsa kennaniiru.

Dabalataan, mootummaan adeemsa nageenyaa Gamtaa Afrikaan hogganamuuf tumsaa barbaachisaa akka taasisu kan ibsan Obbo Dammaqaan, Gamtaan Awurooppaas walitti bu’iinsi jiru karaa nagaan akka xumuramuuf deeggarsa akka taasisu abdii qaban ibsaniiru.

Riitaa Laaranjinhaa gama isaaniin, Gamtaan Awurooppaa michummaa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee akka itti fufu ibsaniiru.

Kana malees, Gamtichi adeemsaa marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan hogganamu akka deeggaruu fi akka barbaachisummaa isaattis adeemsicha deeggaruuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.