Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan tattaaffii nageenyaa karaa Ooliiseengoo Oobaasaanjoon gaggeeffamuu ni deeggara-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin tattaaffii nageenyaa Gamtaa Afrikaatti Ergamaan addaa Ooliiseengoo Oobaasaanjoon gaggeeffamuu mootummaan kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Gamtaa Afrikaatti Komiishinara Dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaa fi Tasgabbii Ambaasaaddar Baankoolee Adiiwaayyee waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin obbo Dammaqaan Mootummaan nageenyaa waaraa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kanaanis namoota siyaasa bebbeekamoo hidhaarra turan hiikuun, labsiin yeroo ariifachiisaa guutuu biyyattitti labsamee ture kaasuu fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf komiishinii biyyoolessaa hundeessuu ibsaniiru.

Mootummaan nageenya lammiilee naannoo Tigraayiin jiraataan mirkaneessuuf deeggarsi namoomaa daangaa tokko malee akka qaqqabuuf walitti bu’iinsa dhaabuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi gama isaaniin, Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran dinqisiifataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.