Obbo Dammaqaan Gaanfa Afrikatti Ergamtu Addaa Ingiliiz waliin mari’atan
Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Minisrtirri Ministeeraa Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin GaanfaaAfrikaa fi Galaana Diimaatti Ergamtuu Addaa Ingiliiz Saaraa Montigomaryiin waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin Ityoophiyaan Ingiliiz waliin hariiroo yeroo dheeraa akka qabdu yaadachiisuun, deeggarsa dame hedduu gama mootummaa Ingiliziin taasifamaa jiruuf galateeffataniiru.
Ityoophiyaa kutaa Kaabatti walitti bu’iinsaa mudate nagaan furuudhaaf mootummaan kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Rakkoolee jiran furuuf tarkaanfiilee mootummaan fudhataa jirurratti ibsa kennaniiru.
Ergamtuun Addaa Ingiliiz gama isaaniin imalaa isaanii jalqabaan hubannoo bala’aa argachaa jiraachuu eeruun, yeroo itti gaafatama isaaniittis michummaa baroota dheera biyyoonni lameen qaban cimee akka itti fufuuf gumacha akka taasisan ibsu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argamee ni mul’isa.
Adeemsa marii nageenyaa deeggaruuf qophii ta’uus himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.