Obbo Dammaqaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonnin Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Jafirii Fiiltimaan waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota marii sadee Hidha Haaromsaa, Waldhabdee daangaa Ityoo –Sudaan, haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan dhimmoota marii sadee Hidha Haaromsaa, Waldhabdee daangaa Ityoo –Sudaan, haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee Ambaasaaddar Jafirii Fiiltimaaniif ibsa laataniiru.
Ambaasaaddar Jafirii Fiiltimaan gama isaaniin Ityoophiyaan deeggartuu tarsiimoo Ameerikaa ta’uu ishee eeruun, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Marii sadee Hidha Haaromsaa itti fufsiisuuf yaada furmaataa qaamolee sadan tokko taasiisu irra ga’uuf tattaaffii taasiifamu Ameerikaan deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.