Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Dippiloomaatoota teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif haala Waaqtaawaarratti ibsa laatan

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) –Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makoonniin Dippiloomaatoota teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif dhimmoota haala Waaqtaawaarratti ibsa laataniiru.

Ambaasaaddaroota, Dippiloomaatootaa fi hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif ibsa taasiisaniiru.

Labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Amaaraatti labsame walqabatee haala nageenyaa naannichaa fi raawwii isaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Garaagartee jiru mariin furuuf hojiilee hanga ammaatti hojjetame ilaalchisee hirmaattoota kanneeniif ibsa laataniiru.

Walitti bu’iinsa naannichattj muudate waaraan furuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Adeemsa raawwii labsii yeroo ariifachiisaa fi bu’aalee argaman ilaalchisee Ministirri Ministeera Haqaa fi miseensi Qajeelcha Ajaja Waliigalaa labsichaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos hawaasa idil addunyaa kanneenif ibsa taasiisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.