Obbo Dammaqaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa salphisuuf tattaaffii qindaa’aa akka taasifamuuf gaafatan
Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)-Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa salphisuuf tattaaffii qindaa’aan akka taasifamuuf gaafatan.
Obbo dammaqaan yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummootaa gamtoomanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, Sagantaa Ashaaraa magariisaan tarkaanfiiwwan qabatamaa Itiyoophiyaatti fudhatamaa jiru ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan haala qophii duraa Itiyoophiyaa irratti bal’inaan kan ibsan yoo ta’u, kunis akkuma bal’inni, ciminaa fi irra deddeebiin balaa dabalaa deemuun, imaammata jijjiiramaan deeggaramuu akka qabu akeekan.
Sagantaa ashaaraa magariisaan Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biiliyoonaa 32 dhaabuun akka danda’amee fi kanaanis faayidaa hedduu argamsiisuu himan.
Sadarkaa biyyaatti, naannawaa fi addunyaatti sirna akeekkachiisa duraa gahumsaa qabuu fi bu’a qabeessa ta’e hojiirra oolchuuf qindoomina, tumsaa fi deeggarsa maallaqaa barbaachisaa ta’e mijeessuuf tumsa idil addunyaa dabaluun barbaachisaa ta’uu dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.