Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Daayrektara Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Ministira Walta’iinsa Idil Addnyaa Siwiidiin waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqa Mokonniin, Daayrektara Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Biyesle fi Ministira Walta’iinsa Idil Addunyaa Siwiidiin Matildaa Erkiraansi waliin mari’ataniiru.
Dhiyeessii deeggarsa namoomaa lammiilee naannawaa walitti bu’iinsaa fi hongeen miidhamanii, walitti bu’iinsa kutaa Kaaba biyyattiitti mudatee fi walitti bu’iinsichaan walqabatee itti gaafatamummaa mirkaneessuuf tarkaanfii gama mootummaan fudhatamaa jiran irratti mari’ataniiru.
Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, lammiilee Ityoophiyaa deeggarsi barbaachisuun deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf tattaafii addaan hincitnee Sagantaan Nyaata Addunyaa fi Mootummaan Siwiidiin taasisaa jiraniif galateeffataniiru.
Dabalataanis, mootummaan gufuu tokko malee deeggarsi namoomaa lammiileef akka qaqqabu kutannoo qabu ibsaniiru.
Naannoo Tigiraayitti boba’aa fi xaa’oo dhiyeessuuf dhaabbileen deeggartootaa mootummaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjetan gaafataniiru.
Daayrektara Sagantaa Nyaata Addunyaa Daviid Biyesle fi Ministira Walta’iinsa Idil Addunyaa Siwiidiin Matildaa Erkiraansi gama isaaniin, hojiilee mootummaan dhiyeessii namooma lammiileen ga’uuf taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Marii biyyaalessaa mootummaan gaggeessuuf jiru, nageenya biyyattiirra darbee nageenya Gaanfa Afriikaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Naannoo Amaaraa, Afaarii fi kutaalee biyyatti birootti sababa walitti bu’iinsaa fi hongeen lammiilee deeggarsa barbaadan miiliyoona 20’f deeggarsa dhiyeessuuf qophii ta’uu himaniiru.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.