Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Daayreektara Waajjira Sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Ala obbo Dammaqaa Makonniin Daayreektara Waajjira Sagantaa Nyaataa Addunyaa haaraa muudaman Haamiid Nuuruu waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan deeggarsa dhaabbatichi Ityoophiyaatti rakkoolee sababoota garaagaraan muudatan dandamachuuf taasiisaa jiru galateeffataniiru.
Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa Noobeelii nageenyaa bara 2020 badhaafamuu isaatti gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.
Wayita Ityoophiyaan haala rakkisaa keessa jirtuutti deeggarsa namoomaa dhaabbatichi taasiisaa ture keessatti qooda Hojii Raawwachiisaa Olaanan Dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Vaasiiliin ba’an dinqisiifataniiru.
Daayreektarri Waajjira Sagantaa Nyaata Addunyaa fi itti waamamaan Gamtaa Afrikaa fi Komishiniin Afrikaa Haamiid Nuuruu gama isaaniin, dhaabbatichi wayita dirqama isaa ba’u tumsa taasiifameef galateeffataniiru.
Sagantaan Nyaata manneen barnootaa Ministeera Barnootaa waliin ta’uun Ityoophiyaatti hojiirra oolaa jiru bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Obbo Dammaqaan deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay marsaan duraa fi 2ffaan walga’uu fi dhiyeessiin marsaa 3ffaa yeroo dhiyootti kan eegalamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.