Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Daayreektara olaanaa Oksifaam idil addunyaa waliin dhimma dhiyeessa deeggarsa namoomaarratti mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Daayreektara olaanaa Oksifaam idil addunyaa Gaabrii’eelaa Buchar waliin dhimma dhiyeessa deeggarsa namoomaarratti mari’ataniiru.
Lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilamaniif haala deeggarsi namoomaa saffisaan dhiyaachuu danda’urratti mari’achuu isaanii ibsameera.
Weerara Covid -19, walitti bu’iinsa, balaa uumamaa fi namtolcheen lammiilee hedduun miidhamuu isaaniin deeggarsi namoomaa hunda galeessi kan isaan barbaachisu ta’uu ibsameera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf Oksifaam dabalatee mootummaan tattaaffii taasiisaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Naannoo Somaalee, Booranaa fi Godina Oomoo Kibbaa dabalatee kutaalee biyyattii garaagaraatti lammileen miiliyoona 23 ol ta’an deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa kan isaan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.
Obbo Dammaqaan deeggarsa namoomaa Oksifaam Ityoophiyaatti taasiisaa jiru dinqisiifachuun, sochii dhaabbatichitti biyyattiitti taasiisaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.
Balaa uumamaa fi namtochee Ityoophiyaa muudateen miidhaa lammiileerra qaqqabaa jiru furuuf dhaabbanni Oksifaam deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu Daayreektarri olaanaan Dhaabbatichaa ibsuu ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.