Obbo Dammaqaan boqachuu weellisaa buleessa Alamaayyoo Isheeteef gadda itti dhaga’aamee ibsan
Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin boqachuu weellisaa buleessa Alamaayyoo Isheeteef gadda itti dhaga’aamee ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan erga isaaniin, waggoota dheeraaf hojiiwwan muuziqaa isaatiin Ityoophiyaa ol qabuun biyyaasaaf dhama’aa kan ture boqachuu Alamaayyoo Isheeteef gadda natti dhaga’aamee ibsuun barbadaa jedhaniiru.
Ministirichi fuula Twiitara isaaniin akka ibsaniiti, maatii fi firoottan akkasumas ummattoota biyyattis jajjabiinaan hawwa jedhaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.