Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Afrikaa Bahaatti ergamaa addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonni Afrikaa Bahaatti ergamaa addaa Ameerikaa Jeefarii Fiiltimaan waliin mari’ataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii fedhii fi muul’ata waloorratti kan hundaa’e ta’uu marii taasiisaniin kaasaniiru.

Obbo Dammaqaan haleellaa gareen Shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisaa Biyyaa Ajeja Kaabaarrarrinraawwatee fi badii qaqqabsiisaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Garichi yeroo ammaa saamicha, ajjeechaa,yakka namoomaa, Diinagdee fi hawaasummaa olaanaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ameerikaan yakka gareen kun raawwataa jiru kan balaaleeffattu ta’uu Ityoophiyaan abdii qabaachuu kaasaniiru.

Jeefarii Fiiltimaan gama isaaniin mootummaan Ameerikaa ilaalcha ummanni Ityoophiyaa garee shororkeessaa kanaaf qabu haalan ni hubata jedhan.

Hariiroon biyyoota lamaanii naannichaaf faayidaa guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Turtii Ityoophiyaatti taasiisaniin aanga’oota olaanoo mootummaa garaagaraa waliin ni mari’atuun kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.