Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan aanga’oota olaanoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee, 6, 2013 (FBC)-  Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin aanga’oota olaanoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Marichaan obbo Dammaqaan Bareessaa olaanaan Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, mootummaan naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachisuuf tarkaanfii fudhateef ejjennoo hin jijjirramne qabachuu isaanii galateeffataniiru.

Haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi haala yeroo ammaa irratti ibsa laataniiru.

Bulchiinsi yeroo naannichaa uumata waliin mari’ata jiraachuus ibsaniiru.

Dhiheenyas Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad naannichatti imaluun daawwannaa taasisuu fi bulchiinsa yeroo naannichaa waliin mari’achuun haalli naannicha suta suta gara sochii idileetti deebi’a jiraachuu himaniiru.

Dabalataaniis bu’uuraalee misoomaa miidhaaman deebisanii dhaabuu fi lammiilee gara Sudaanitti baqatan gara biyyaa deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjeta jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan yakkamtoota adamsuun seeraatti dhiyeessufis hojjetaa jira jedhaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.