Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa raawwii labsii yeroo ariifachiisaarratti hoggansa qaamolee seera kabachiisan waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan raawwii labsii yeroo ariifachiisaarratti hoggansa qaamolee seera kabachiisan waliin mari’atan.
 
Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf koree ministirootaa labsii yeroo ariifachiisaa olaantummaan hogganu, hundeessun ishee ni yaadatama.
 
Ministira Nageenyaa, Ministira Dhimma Alaa, Abbaa Alangee Waliigalaa, Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii miseensummaan kan hammate korichi, qindeessummaa itti aanaa muummee ministiraatin hogganama.
 
Obbo Dammaqaan raawwii labsichaarratti raayyaa ittisaa, poolisii federaalaa, nageenya biyyoolessaa fi dhaabbilee seera kabachiisan biroo waliin mari’ataniiru.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuuf qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hojiirra oolchuu fi labsii ba’e sirnaan hordofuun barbaachisaa ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
 
Marichi qindoomina qaamolee seeraa cimsuu fi hubannaa waloo uumuurratti kan xiyyeeffatedha.
 
Qabiyyee dambii raawwachiistuu labsichaarratti haati alangee waliigalaa federaalaa aadde Adaanach Abeebeen ibsa laataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.