Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaanti Faransaay Imaanu’eel Maakiroon waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) –Obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaanti Faransaay Imaanu’eel Maakiroon waliin mari’atan.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Preezdaanti Faransaay Imaanu’eel Maakiroon waliin Paarisitti wal arguun mari’ataniiru.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ergaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiya Ahimad irraa ergame Preezdaanti Maakirooniin ga’aniiru.

Obbo Dammaqaan jijjiirama Ityoophiyaatti eegalame itti fufsiisuuf mootummaan carraaqqii barbaachisu taasisaa akka ture hubachiisaniiru.

Haat’utii, gareen badii juuntaa ABUT ummataa fi mootummaa irratti yeroo gara garaatti miidhaa qaqqabsiisaa tures ibsaniiru.

Duula olaantumaa seeraa mootummaan garicha irratti fudhachaa jiru marsaa xumuraa irra ga’uu himaniiru.

Preezdaanti Maakiroon gama isaaniin, mootummaan Ityoophiyaa rakkoo keessoo isaa ofiin furachuu carraaqqii taasisaa jiru dinqisiifachuun, adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti lammiilee nagaa irra miidhaan akka hin geenye ofeeggannoo taasifamuu akka qabu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.