Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Burkiinafaasoo waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Dhimma Alaa Burkiinafaasoo Oliviyaa Ruwambaa waliin waajjiraa isaaniitti mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Obbo Dammaqaan, hariiroon biyyoota lameenii bara gita bittaa akka eegalee fi fuuldurattis hariirichi haareffamuu qabaa ibsaniiru,

Waltajjiilee hedduurratti Burkinafaasoon waa’ee Ityoophiyaa ejjennoo madaalawaa qabaachuu dinqisiifataniiru.

Dabalataan biyyoonni lameen ijaarsa dandeettiirratti qabeenya hintuqamne kan qaban ta’uu kaasuun, hariiroo jiru gara caaluutti geessuuf daandii kan mijeessuudha jedhaniiru.

Oliviyaa Ruwaambaa gama isaaniin, Ityoophiyaan giddugalaa imammataa biyya alaa Burkiinafaasoo taatee turuu ibsan.

Barbaachisummaan Ityoophiyaa qubsumaa isheen olii jedhanii, ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa keessatti qabeenyaa biyya keessaan fayyadamuun guddinaa Afriikaaf fakkeenya akka ta’u ibsuu isaanii ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.