Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Ivaginii Taarikiin waliin marii’atan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) –Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Ivaginii Taarikiin waliin marii’ataniiru.
Marii isaaniin, obbo Dammaqaan duraan gita isaanii Sargee Laaviroov waliin marii taasisuun isaanii kan yaadatamudha; dhiyeenyatti waltajjii mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanirratti ejjennoo Raashiyaan fudhatte galatteeffataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin haala waqtaawaa naannoo Tigiraay ilaalchisuun ambaasaaddarichaaf ibsa laataniiru.
Mootummaan dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi dhaabbileen miidiyaa naannichatti argamanii hojii isaanii akka raawwataniif haala mijataa uumuu ibsuun sarbiinsa mirga namoomaa ka’urratti hojiin adda baasuu raawwataamaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.