Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektara Afrikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Eebla 6, 2013 (FBC)- Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektara Afrikaa Dooktar Moo’eetii Shiidii waliin mari’ataniiru.
Marichi Itiyoophiyan carraaqqii ittisa vaayrasii koroonaaf taasisftuu fi waliinga’insa talaallii covid-19 Afrikaa irratti tahuu ibsameera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa damee fayyaa Itiyoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu Dooktar Moo’eetiin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.