Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Barreessaa Dhaabbata Walta’iinsa Barnootaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) Itti Aanaa Muummee Ministiraa Fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Musaalaamiin waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan, barnoota babal’isuu fi waliingahiinsaa isaa guddisuudhaaf hojiilee hojjetamaniin bu’aa olaanaan galmaa’uu eeruun, yeroo ammaa hanqina gama qulqullinaan jiru fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan qulqullina barnootaa fooyyessuuf karoora qabatteef gaheen dhaabbilee idil addunyaa olaanaa ta’uu himanii, walta’iinsa dhaabilee kanneen waliin qabdus Ityoophiyaan cimsitee kan itti fuftuudha jedhaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbataa Walta’iinsaa Barnootaa Sheek Mansuur Biin Musaalaamiin gama isaaniin, walta’iinsa jiru cimsuudhaaf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbaticha keessatti gahee Ityoophiyaan qabdu akka guddatuuf fedhii qabaachuu eeranii, waajjirri muummee dhaabbatichaas Finfinnee akka ta’uuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Gaaffiin isaaniis qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun deebiin kan kennamu ta’uu marii isaanii kanarratti ibsamuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Walta’iinsa Barnootaa (OCE) ALA 2020 kan hundeeffame yoo ta’u, Afriikaa, Giddugala Bahaa, Eeshiyaa, Laatiin Ameerikaa fi biyyoonni Kaaribiyaan miseensa dhaabbatichaati.

Dhaabbatichi misoomaa hawaas-dinagdee madaalawaa mirkaneessuuf guddina barnootaarratti hojiilee misoomaa garaagaraa hojjechuuf dhaabbata hundaa’e ta’uun eerameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.