Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin  Baha Afrikaatti  ergamaa addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Baha Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa Jeefrii Fiiltimaan waliin mari’ataniiru.

Marichaan waraanni garee shororkeessaa ABUT waliin gaggeeffamuu haala kamiin dhaabbachuu akka qabu ergamaan addaa kun kan kaasan yoo ta’u, dhimmicharratti obbo Dammaqaan ejjennoo Ityoophiyaa ibsaniifiiru.

Balalliin deeggarsa namoomaaf gara Kombolchaa fi Laallibalaatti taasifamu eeyyamamuu kaasaniiru.

Gara naannoo Tigraayittis konkolaataawwan deeggarsa namoomaa fe’an 369 akka seenan eeyyamamuu addeessaniiru.

Lammiilee Ameerikaa bakkeewwan Ityoophiyaa garaagaraa keessa jiran ilaalchisees mari’ataniiru.

Gareen shororkeessaa naannolee Amaaraa fi Affaaritti haleelaa raawwachaa jiraachuu, miidhaa diinagdee fi namoomaa cima qaqqabsiisaa jiraachuu akkasumas miidhaa xiin sammuu cimaa uummatarraan gahaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Gareen Shororkeessaa kun naannolee lameen gadi lakkisee akka ba’u dhiibbaan irratti godhamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.