Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Ambaasaaddaroota Ityoophiyaa biyyoota garagaraatti muudaman waliin marii’atan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ambaasaaddaroota Ityoophiyaa biyyoota garagaraatti muudaman waliin marii’ataniiru.
Obbo Dammaqaa Mokonnin ambaasaaddaroota Ityoophiyaa dhiyeenya Awustiraaliyaa, Gaanaa, Xaaliyaa, Tuurk, Sawuud Arabiyaa, Sudaan Kibbaa fi Seeneegaalittii muudaman waliin kan marii’atan.
Ambaasaaddaroonni muudaman biyya muudamanitti dameewwan diippilomaasii siyaasaa, diinagdee fi lammii irratti xiyyeeffate akka raawwatanii fi karoorro guyyaa 100 dhiyaatee irratti marii’atameera.
Obbo Dammaqaa Mokonnin ambaasaaddaroonni bu’uuruma karoorra kennameen biyya ramadamanitti hariiroo biyyoota lamaanii akkasumaas hariiroo ummataa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Akkasumas, mirga lammiilee, fayidaa fi nageenya lammiilee eegsisuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetan ibsaniiru.
Ministiri Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gama isaaniin,
ambaasaaddaroonni wayita hojii isaanii raawwatan dhaabbilee raawwachiiftoota Ityoophiyaa waliin hariiroo uumuun hojjechuu akka qaba eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.