Obbo Dammaqaa Mokonnin Ambaasaaddara Sawuud Arabiyaa waliin marii’atan
Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin Ambaasaaddara Sawuud Arabiyaa Saamii Jaamil Abdulaahin waliin marii’ataniiru.
Marichi hariiroo biyyoota lameenii baroota dheeraf ture caalumatti cimsurratti kan xiyyeeffate tahuu ibsameera.
Obbo Dammaqaan, Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun naannoo Tigiraayyitti gaggeeffame xumuramuun walqabatee, nanniichatti dhaabbileen gargaarsaa fi miidiyaaleen socho’anii akka hojjetaniif haalli mijachuu ibsaniiru.
Hidha haaromsaa Ityoophiyaa ilaalchisuun waliigalteen sadeenii akka itti fufu ibsaniiru.
Ambaasaaddari Saamii Jaamil Abdulaahin gama isaaniin, Sawuud Arabiyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuu akka barbaaddu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.