Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonniin adda waraanaa Wallootti argamun raayyaa ittisa biyyaa naannichatti argamu jajjabeessan

Finfinnee, Hagayya 9, 2013 (FBC)-  Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin adda waraanaa Wallootti argamun raayyaa ittisa biyyaa naannichatti argamu jajjabeessaniiru.

Obbo Dammaqaan adda waraanaa Walloo aanaa Ambaassaal magaalaa Wucaaleetti argamuun raayyaa ittisa biyyaa, humna adda naannoo Amaaraa fi miseensoota milishaa jajjabeessaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaa qormaataa biyyatti mudatee fulduratti ittisuun aarsaa olaanaa kaffalaa jiraachuu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf fedhii qabuun raayyaa ittisa duubaarra waraanuuf yaaluus miseensiita gootaa raayyaa ittisa biyyaa fi tumsaa irree Ityoophiyaanoota guutuu biyyattiin kisaaraan olaanaa namoomaa fi meeshaa irraa gahaa jiraachuu himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT lammiilee naannoo Affaarii fi Amaaraatti argamaan qe’eesaaniirra buqqisaa jiraachuu himaniiru.

Akkasumas qabeenyaan akka barbaduu taasisuun, dubartootaa fi daa’immaan gudeeduun diinummaa Ityoophiyaaf qabu agarsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:-Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.