Obbo Dammaqaa Mokkonniin dhaabbileen idil addunyaa deeggarsa namoomaa taasisaa jiran bifa birmadummaa biyyaa eegee socho’uu akka qaba waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC)- Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Dammaqaa Makoonni Obbo Dammaqaan Mokkonniin dhaabbilee idil addunyaa deeggarsa namoomaa taasisaa jiran bifa birmadummaa Itoophiyaa eegeen socho’uu akka qabaan waamicha dhiyeessaniiru.
Obbo Dammaqaan mootummaan kutaa kaabaa biyyattitti dhaabbilee idil addunyaa deeggarsa namoomaa taasisaa jiraanii fi qaamoleen deeggartootaaf dhimmoota namoomaa fi kanneen biroorratti ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin wayita deeggarsa namooma gufuuwwan mudataa jiraaniif himataamaan olaanaan garee shororkeessa ABUT ta’ee osoo jiru, dhaabbileen idil addunyaa garuu mootummaa itti gaafatamaa taasisuu filataniiru.
Mootummaan nageenyaa lammiileef jechaa dhuukaasa dhaabuus, gareen shororkeessaa ABUT waraanaa itti fufuudha kan ibsan.
Kanarra darbee naannoo Affaarii fi Amaaraatti lammiilee nagaarratti haleella sukkanneessaa raawwachaa jira jedhaniiru.
Dhaabbileen miti mootummaa fi mootummaan federaalaa nageenyaa lammiilee eeguu fi hojiiwwan deeggarsa namoomaa cimsee itti fufuuf ejjennoo agarsiisaaniif beekkamti laachuun galateeffataniiru.
Deeggarsichi bifa fooyya’een akka itti fufuu garee shrororkeessa ABUT mormuun itti gaafatamuumma keenyaa haa baanuu jechuun gaafataniiru.
Wandasaan Araggaay
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.