Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makooniin Dubaayitti Waajjira Jeneraala Qonsilaa Ityoophiyaa dawwatan

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makooniin Dubaayitti Waajjira Jeneraala Qonsilaa Ityoophiyaa dawwataniiru.

Dubaayitti Qonsilaa Jeneraalli Ityoophiyaa Ambaasaddar Akililuu Kabbadaan  hojii waajjirichi  fayyadamummaa lammiilee eegsisuuf hojjechaa jirurratti ibsa laataniiru.

Obbo Dammaqaan gamasaaniin, waajjirichiifi Dubaayiifi Emireetota Kaabaatti waldaan Hawaasaa Ityoophiyaa waliin ta’uun faayidaafi mirga lammiilee kabachiisuuf hojiin hojjechaa jiran jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan qabeenya murtaa’aa ta’een rakkoolee lammiilee furuu waan hin dandeenyeef miseensonniifi gurmaa’iinsi diyaaspooraa hundi mirgaafi faayidaa lammiilee eegsisuurratti Waajjirichaafi waldicha waliin akka hojjetan waamicha dhiyeessuu ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.