Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang waliin mari’atan.
Anga’oonni lameen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu CGTN gabaaseera.
Mariisaaniin, tumsa gam-lameefi hunda galeessa biyyoota lameenii daran cimsuuf waliigaluu ibsameera.
Kana malees dhimmoota diinagdeefi hawaasummaa garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigalteerra gahuu eerameera.
Waltajjjiiwwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Idil Addunyaa garaagaraarratti Ityoophiyaan Chaayinaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu Obbo Dammaqaan mirkaneessaniiru.
Chaayinaan madda Invisatimantii, faayinaansii misoomaafi deeggartuu daldala Ityoophiyaa ishee guddoo ta’uu eeruun, deeggarsa biyyattiin waggoottan digdamman darbanitti imala guddina Ityoophiyaaf taasifteef galateeffataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang gamasaaniin, Ityoophiyaan michuu amanamtuu Chaayinaa ta’uu kaasuun, biyyi isaanii guddina fooyya’aarra gahuuf Ityoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdi jedhan.
Hariiroo diinagdee biyyoota lameenii keessumaa gama daldalaafi invastimantiin jiru cimsuuf carraaleen jiraachuu addeessaniiru.
Obbo Dammaqaa Makonnin daawwannaa hojiif guyyaa kaleessaa Chaayinaa Beejiing galuun isaanii kan yaadatamudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.