Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin haala yeroo biyyaalessaarratti dippiloomaatotaaf ibsa laatan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin haala yeroo biyyaalessaarratti hawaasa dippiloomaasii teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif ibsa laatan.

Obbo Dammaqaan ibsa isaaniin, Mootummoon Ityoophiyaa waraana kaaba biyyattii karaan nagaan furuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Jilli mootummaa marii nageenyaa Onkololeessa 14, 2015 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf yaadame irratti kan hirmaatu ta’uus mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaan birmadummaashee eegsisuufi tokkummaa bulchiinsashee mirkaneessuuf tarkaanfii fudhattu irratti dhiibbaa taasifamu kamiinuu kan hin fudhanne ta’uu dubbataniiru.

Dabalataanis lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa dhaqabsiisuuf qaamolee hundaa wajjiin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddaroonni, dippiloomaatonniifi hoggantoonni dhaabilee idil addunyaa ibsicharratti hirmaatan, kutannoo mootummaan nageenyaafi deeggarsa namoomaa waliingahuuf qabu dinqisiifachuu eerameera.

Miniyichil Azzazawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.