Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin hidhi haaromsaa guddichi anniisaa maddisiisuu eegaluu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Ergaasaaniin kutaawwan seenaa ijaarsa proojektii hidha haaromsaa guddichaa  darban yeroo maraa kan yaadataman ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsa proojektichaa hordofee boqonnaawwan bishaan guutuu 1ffaa fi 2ffaan walitti fufiinsaan gaggeeffamuu yadachiisuun waggoota kumaatamaaf kiilomeetira hedduu imalaa kan ture lagni Abbaay yeroo muraasaaf boqotee anniisaa maddisiisuun imala isaa itti fufeera jedhan.

Hirmaannaa fi deeggarsa uummata Ityoophiyaan, tattaaffii ogeessotaa fi ogummaa hoggansaan tarbaayiniin isaa gara anniisaa maddisiisuu duraatti ce’uu kaasaniiru.

Guyyaa har’aa xomboorri ife hojiilee murteessoo fi walxaxaa ce’ee sadarkaa kanarra ga’eera jedhan.

Seenaan kun akka dhugoomuuf ogeeyyiin ashaaraa keessan keessan, qaamoleen hirmaannaa hawaasaa qindeessitan, Ityoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa hundi baga gammaddan baga gammanne jedhaniiru.

Akka eegalletti sadarkaa kanarraan geenyeerra, yeroo gabaabaa keessatti hojiilee hafa xumuruun gara injifannoo guutuutti ni  ceena jedhaniiru ergaasaaniin.

Abbootiin keenya darban bilisummaa nu dhaalchisuurra darbee seenaa boonsaa hojjetanii darbaniiru. Dhaloonni kun carra qabeessa ta’uun injifannoo boonsaa galmeessiseera jedhan.

Biyyaa fi uummata seenaa guddaa fi boonsaan akka kanaa hojjetamu keessatti baandaawwan biyya ganan ergama lammiilee nagaa haleeluu fi biyya bittimsuu keessatti hirmaatan arguun garaan haadhaa burree ta’uu ifatti kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.

Baandaawwanii fi gara jabeeyyiin tokko tokko yeroof gatii guddaa nu kaffalchiisaa jiraataniyyuu Ityoophiyaanonni kallattii hundaan jiran rakkoolee bara baraan isaan mudatu injifannoon ce’aa ergama kanneen akka hidha haaromsaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf waliin fuulduratti imaluu kan itti fufan ta’uu addeessaniiru.

Ifatti kan beekamu seenaan abbootii keenya darbanirraa dhaalle kanadha jedhan.

Nuti ammoo qabatamaan hojjechaa kan jirru kan kan cimsudha jedhan.

Dhaloota egereef ashaaraa guddaa kaa’uun damee guddummaa keenya waliin dhugoomsuuf wal haatumsinu jedhaniiru.

Injifannoo kanaan kan nu geessan hundi galatoomaa jechuun gama miidiyaa hawaasummaasaaniin ergaa dabarsaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.