Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin deeggarsi lammiilee balaawwan uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif taasifamu cimuu akka qabu yaadachiisan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin deeggarsi namoomaa lammiilee balaawwan uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif taasifamu  sadarkaa olaanaan cimuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Koreen Ittisa Balaa Biyyaalessaa sochii tajaajila deeggarsa namoomaa lammiilee balaawwan uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif taasifamu Waajjira Muummee Ministiraatti gamaaggameera.

Walitti qabaan korichaa obbo Dammaqaa Makonnin sochiin gama maraa  mootummaan lammiilee waraanaa fi hongeen miidhamaniif tajaajila deeggarsa namoomaa waliin gahuuf taasisu kan jajjabeeffamu ta’uu waltajjichaan kaasaniiru.

Rakkichi walxaxaa ta’uu kaasuun haala rakkinichaa waliin wal madaaluun deebii ariifachiisaa kennuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Rakkoo walxaxaa fi bal’aa akka biyyaatti mudateef yeroo gabaabaa keessatti furmaata kennuuf qaamoleen raawwachiistuu federaalaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Biyyattiitti rakkooleen uumamaa fi namtolchee irra deddeebiin uumamuun tarkaanfii fudhatamurratti gufuu ta’uu kaasuun karoora qindaa’aa hojiin nu ceesisuu danda’u, hojiimaata iftoomina qabuu fi tooftaa qabeenya haalaan itti fayyadamuu nu dandeessisu hojiirra oolchuu qabna jechuu isaanii ragaan Waajjira Ittaanaa Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.